Ajaja hiyyeessota hin cunqursin
“Isinis waan biyya Gibxii keessatti alagoota turtaniif alagaatti daba hin hojjetinaa; hin cunqursinaas. “Haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abbaan irraa duʼe hin hacuucinaa. Yoo isin isaan miitanii isaan immoo natti booʼan ani dhugumaan booʼicha isaanii nan dhagaʼa. Aariin koo ni bobaʼa; anis goraadeedhaanan isin fixa; niitonni keessan haadhota hiyyeessaa taʼu; ijoolleen keessanis kanneen abbaa hin qabne taʼu. (Baʼuu 22:21-24)
Isaan akka inni iyya rakkattootaa dhagaʼuuf, akka iyyi hiyyeeyyii fuula isaa duratti dhagaʼamu godhaniiru. (Iyyoob 34:28)
Bulchaan hiyyeessa hacuucu tokko akkuma bokkaa jabaa midhaan lafa irraa balleessuu ti. (Fakkeenya 28:3)
Hamoonni hiyyeessota cunqursu
Gowwaan sababii gowwummaa dubbatuuf qalbiin isaa hammina hojjeta; inni waan Waaqni hin jaallanne hojjeta; waaʼee Waaqayyoos dogoggora odeessa; inni nama beelaʼe beela hin baasu; nama dheebote illee bishaan dhowwata. Malli addaggee hammina; inni utuma iyyanni rakkattootaa qajeelaa taʼee jiruu sobumaan hiyyeeyyii balleessuuf jedhee jalʼina yaada. (Isaayyaas 32:6-7)
Ibsa namoota hiyyeessota cunqursanii
Namni hamaan hiyyeeyyii bulchu, akkuma leenca aaduu yookaan amaaketa wayitti ariifatuu ti. (Fakkeenya 28:15)
...dhaloota hiyyeeyyii lafa irraa fixuuf rakkattoota illee gidduu namaatii balleessuuf ilkaan isaa goraadee, haʼoon isaa immoo billaa taʼe jira. (Fakkeenya 30:14)
Murtii warra hiyyeessota cunqursan irratti
Ijoolleen isaa hiyyeeyyiif beenyaa baasu; harki isaas qabeenya inni saame deebisee kennuu qaba. (Iyyoob 20:10)
Inni qabeenya liqimse sana ni tufa; Waaqnis akka garaan isaa waan sana diddigu ni godha. (Iyyoob 20:15)
Inni waan itti dadhabe utuu hin nyaatin deebisa; buʼaa daldala isaa irraa argatettis hin gammadu. Inni hiyyeeyyii hacuucee harka duwwaa hambiseeraatii; mana ofii hin ijaarinis humnaan fudhateera. “Hawwii isaa hamaa sana irraa boqonnaa hin argatu; inni qabeenya isaatiin of oolchuu hin dandaʼu. (Iyyoob 20:18-20)
...dukkanni limixiinis riphee qabeenya isaa eeggata. Ibiddi namni tokko iyyuu hin afarsin gubee isa fixa; waan dunkaana isaa keessatti hafes ni barbadeessa. (Iyyoob 20:26)
Guyyaa dheekkamsa Waaqaatti lolaan mana isaa, bishaan yaaʼus miʼa isaa fudhatee deema. (Iyyoob 20:28)
Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf, warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf, goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu. Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana; iddaan isaaniis ni caccaba. (Faarfannaa 37:14-15)
Waan inni qabu hunda namni isa irraa liqii qabu haa fudhatu; buʼaa dadhabbii isaa illee karaa adeemtonni haa saaman. (Faarfannaa 109:11)
Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota, warra garaan isaanii madaaʼes hamma duʼaatti gugse malee garaa isaaniif laafuu hin yaadneetii. (Faarfannaa 109:16)
Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega. (Fakkeenya 22:16)
Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; rakkataas mana murtiitti hin cunqursin; Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf; jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii. (Fakkeenya 22:22-23)
Waaqayyo akkana jedhee maanguddootaa fi hooggantoota saba isaatti mura: “Kan iddoo dhaabaa wayinii kootii balleesse isin; wanni hiyyeeyyii irraa saamame mana keessan jira. Isin saba koo caccabsuun keessan, fuula hiyyeeyyiis butuchuun keessan maal gochuu keessan?” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. (Isaayyaas 3:14-15)
Warra seera jalʼaa baasan, kanneen labsii cunqursaa labsaniif wayyoo; isaan murtii rakkattootaa jalʼisu; mirga hiyyeeyyii saba koos ni dhiibu; haadhota hiyyeessaa boojuu godhatu; ijoollee abbaa hin qabnes ni saamu. (Isaayyaas 10:1-2)
Waaqayyo akkana jedha: “Gara masaraa Mootii Yihuudaatti gad buʼiitii akkana jedhii ergaa kana achitti labsi; ‘Yaa Mootii Yihuudaa, ati kan teessoo Daawit irra teessu, ati, qondaaltonni keetii fi sabni kee warri karra kanaan ol galtan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa. Yoo isin ajajawwan kanneen sirriitti eegdan mootonni teessoo Daawit irra taaʼan, qondaaltotaa fi saba isaanii wajjin gaarii moototaatii fi fardeen yaabbatanii karrawwan masaraa mootummaa kanaan ol galu. Yoo isin ajajawwan kanneen eeguu baattan garuu akka masaraan mootummaa kun barbadeeffamu ani maqaa kootiin kakadheera, jedha Waaqayyo.’ ” (Ermiyaas 22:1-5)
Abbootii fi haadhonni si keessatti salphifaman; alagoonni ni hacuucaman; ijoolleen abbaa hin qabnee fi haadhonni hiyyeessaa si keessatti miidhaman. (Hisqiʼeel 22:7)
Sabni biyya sanaa ni cunqursu; ni saamus; murtii qajeelaa gananii hiyyeeyyii fi rakkattoota hacuucu; alagootas ni miidhu. (Hisqiʼeel 22:29)
Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Israaʼel sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Isaan qajeeltota meetiitti, rakkattoota immoo kophee cimdii tokkotti gurguratan. Isaan akkuma biyyoo lafaatti mataa hiyyeeyyii irra ijaajjanii cunqurfamaas murtii qajeelaa dhowwatan. Abbaa fi ilmi durba tokkotti galanii akkasiin maqaa koo qulqulluu xureessan. (Amoos 2:6-7)
Isin yaa saawwan Baashaan kanneen Tulluu Samaariyaa irra jirtan, yaa dubartoota, isin warri hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursitanii dhirsoota keessaniin, “Dhugaatii nuuf fidaa!” jettan dubbii kana dhagaʼaa. Waaqayyo Gooftaan akkana jedhee qulqullummaa isaatiin kakateera: “Yeroon isin itti hokkoodhaan, isin keessaa namni dhumaa immoo qabduu qurxummiitiin qabamu tokko dhugumaan ni dhufa. (Amoos 4:1-2)
Inni daʼoo jabaatti badiisa tasaa fida; magaalaa dallaa jabaa qabdus ni barbadeessa. Isaan nama karra irratti nama ifatu ni jibbu; kan dhugaa dubbatus ni balfu. Isin hiyyeeyyii dhidhiittanii akka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu. Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuu manneen sana keessa hin jiraattan; isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuu daadhii wayinii isaanii hin dhugdan. Balleessaan keessan hammam akka baayʼatuu fi cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe nan beekaatii. Isaan qajeeltota hacuucanii mattaʼaa irraa fudhatu; hiyyeeyyiis mana murtii keessatti murtii qajeelaa dhowwatu. (Amoos 5:9-12)
Isin warri rakkattoota dhidhiittanii hiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa; isin akkana jettu; “Akka nu midhaan gurgurannuuf Baatiin Haaraan yoom goobana? Akka nu qamadii gabaa baafannuuf Sanbanni yoom darba?” Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtanii gatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiin nama gowwoomsitanii saamtu; hiyyeeyyii meetiidhaan, rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattanii girdiis qamadii wajjin gurgurattu. (Amoos 8:4-6)
“Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa. Isin haadha hiyyeessaa yookaan ijoollee abbaa hin qabne yookaan alagaa yookaan hiyyeeyyii hin hacuucinaa. Garaa keessanitti hammina walitti hin yaadinaa.’ “Isaan garuu dhagaʼuu didan; mataa jabinaanis dugda isaanii itti gatanii gurra isaanii cuqqaallatan. Isaan garaa isaanii akkuma dhagaa jabeeffatanii seera yookaan dubbii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu karaa raajota isaa kanneen duriitiin Hafuura isaatiin erge dhaggeeffachuu didan. Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akka malee aare. (Zakkaariyaas 7:9-12)
“Kanaafuu ani murtiif gara keessan nan dhufa. Ani falfaltootatti, sagaagaltootatti, warra sobaan kakatanitti, warra mindaa hojjettootaa dhowwatanitti, warra haadhota hiyyeessaa fi ijoollee abbaa hin qabne hacuucanitti, warra alagoota murtii qajeelaa dhowwatanii fi na hin sodaannetti dhugaa baʼuuf nan ariifadha” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. (Miilkiyaas 3:5)
Gaaffii Gooftaan cunqursaa hiyyeessotaa akka muruuf
Yaa Abbaa Murtii lafa kanaa kaʼi; of tuultotaaf illee waan isaanii malu kenni. (Faarfannaa 94:2)
Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu; ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu. (Faarfannaa 94:6)
Isaan, “Waaqayyo hin argu; Waaqni Yaaqoob hin qalbeeffatu” jedhu. (Faarfannaa 94:7)
Fakkeenya hiyyeessota cunqursuu
Ati utuu isaan cabsanii seenanuu isaan qabuu baattu iyyuu, dhiigni hiyyeeyyii balleessaa hin qabnee wayyaa kee irratti ni argama. Utuma wanni kun hundi taʼee jiruu (Ermiyaas 2:34)
Namoota amantaa kan hiyyeessota cunqursan
Yesuusis utuu barsiisuu akkana jedhe; “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallatu; manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu. Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.” (Maarqos 12:38-40)
“Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu, manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu. Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.” (Luqaas 20:46-47)
Hiyyeessota cunqursuun baramaadha
Ati yoo hiyyeessa aanaa tokko keessatti hacuucamee murtii qajeelaa fi mirgi dhowwatame argite, waan akkanaa hin dinqisiifatin; qondaalli tokko qondaala isaa oliitiin ilaalaamaatii; isaaniin olittis qondaaltonni biraa jiru. (Lallaba 5:8)
Hiyyeessota/warra gargaaraa hin qabne irraa ittisi/gargaari
“Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef, mirga warra gatamaniitiifis falmi. Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.” (Fakkeenya 31:8-9)
...waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! Murtii qajeelaa barbaadaa; warra hacuucame jajjabeessaa. Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa. (Isaayyaas 1:17)
Yaa mana Daawit, Waaqayyo akkana jedha: “ ‘Ganama hunda murtii qajeelaa kennaa; nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa; yoo kanaa achii sababii jalʼina isin hojjettaniitiif dheekkamsi koo buʼee akkuma ibiddaa bobaʼa; namni isa dhaamsu tokko iyyuu hin jiraatu. (Ermiyaas 21:12)
Warri Waaqa sodaatan hiyyeessota gargaaru
Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata; namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu. (Fakkeenya 29:7)
Ani warra rakkina keessa jiraniif hin boonyee? Lubbuun koos hiyyeeyyiif hin gaddinee? (Iyyoob 30:25)
Gooftaan warra hiyyeessota gargaaran eebbisa
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha. Waaqayyo isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa; lafa irratti isa eebbisa; hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu. Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa. (Faarfannaa 41:1-3)
Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa. (Fakkeenya 19:17)
Bulchaa hiyyeessota gargaare eebbise
Yoo mootiin tokko wal qixxummaadhaan hiyyeeyyiif murtii kenne, teessoon isaa bara baraan jabaatee dhaabata. (Fakkeenya 29:14)
Isin utuu dhugumaan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfattanii murtii qajeelaa waliif kennitanii, utuu isin alagaa, ijoollee abbaa hin qabne yookaan haadha hiyyeessaa cunqursuu baattanii iddoo kanatti dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuu baattanii, utuu waaqota isin balleessan duukaa buʼuu baattanii, silaa ani akka isin iddoo kana, biyya ani bara baraan abbootii keessaniif kenne keessa jiraattan nan godha. Isin garuu dubbii sobaa kan faayidaa hin qabne amanachaa jirtu. “ ‘Isin hattanii nama ajjeeftanii, sagaagaltanii, sobaan kakattanii, Baʼaaliif ixaana aarsitanii, waaqota hin beekin duukaa buutanii, (Ermiyaas 7:5-9)
Hiyyeessota nyaachisi, Gooftaanis siif ni deebisa
Yesuusis namicha isa waame sanaan akkana jedhe; “Ati yommuu laaqana yookaan irbaata qopheessitu michoota kee yookaan obboloota kee, yookaan firoota kee, yookaan olloota kee warra sooreyyii hin waamin; yoo akkas goote isaanis deebisanii si waamu; gatiin kees siif deebifama. Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami. Sababii isaan waan siif deebisan hin qabneef ati ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa duʼaa kaʼuu qajeeltotaatti siif deebifamaatii.” Warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaatan keessaa namichi tokko yommuu waan kana dhagaʼetti Yesuusiin, “Namni mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti dhiʼaatu eebbifamaa dha” jedhe. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namichi tokko cidha guddaa qopheessee keessumoota hedduu affeere. Namichi sunis saʼaatii nyaataatti akka inni, ‘Kunoo, wanni hundinuu qopheeffameeraatii kottaa’ jedhee warra affeeraman sanatti himuuf garbicha isaa erge. “Garuu isaan hundi bifuma tokkoon sababa dhiʼeeffachuu jalqaban; inni jalqabaa, ‘Ani lafa qotiisaa bitadheera; kanaafuu dhaqeen ilaaluu qabaatii maaloo na hin komatin’ jedheen. “Inni kaan, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan bitadheera; isaan leenjisuuf deemuuttin jiraatii, maaloo na hin komatin’ jedheen. “Amma illee inni kaan, ‘Ani dhiʼoon niitii fuudhe; kanaafuu dhufuu hin dandaʼu’ jedheen. “Garbichi sunis deebiʼee waan kana gooftaa isaatti hime. Abbaan mana sanaas aaree, ‘Dafii karaa guddaa fi daandii qalʼaa magaalaatti achi baʼiitii hiyyeeyyii, naafa, jaamaa fi okkolaa fidii ol seensis’ jedhee garbicha isaa ajaje. “Garbichi sunis, ‘Yaa gooftaa, wanni ati ajajje hundi raawwateera; garuu amma illee iddoon jira’ jedheen. “Gooftichis garbicha isaatiin akkana jedhe; ‘Akka manni koo guutamuuf karaa guddaa fi daandii baadiyyaatti achi baʼiitii akka isaan ol galan dirqisiisi. (Luqaas 14:12-23)
Hiyyeessaaf haqaan muri
“Murtii irratti hiyyeessa saba keetii jalaa murtii hin dabsin. (Baʼuu 23:6)
Ati murtii alagaa yookaan ijoollee abbaa hin qabnee hin jalʼisin yookaan uffata haadha hiyyeessaa qabdii hin fudhatin. (Keessa Deebii 24:17)
Hiyyeessotaaf gara laafi
Ati saba keessaa ariʼamtee bineensota bosonaa wajjin jiraatta; akka loonii marga nyaatta; fixeensa samiitiinis ni jiita. Ati hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni mootummoota kanas abbaa barbaadeef kennuu dandaʼu beektutti waggaan torba si darba. Ajajni akka gufuun muka sanaa hidda isaa wajjin hafuuf kenname sunis akka mootummaan kee yeroo ati ol aantummaan kan samii taʼe beektutti siif deebifamu argisiisa. Kanaafuu yaa Mootii, gorsa koo fudhadhu: Waan qajeelaa hojjechuudhaan cubbuu kee of irraa haqi; hammina kees cunqurfamtootaaf garaa laafuudhaan of irraa balleessi; yoos barri jireenya keetii ni dheerataa.” (Daaniʼel 4:25-27)
Warri hiyyeessota hin ittisne ni murtaa'u
Akkuma manʼeen simbiraan guutamu, manneen isaanii sobaan guutamu; isaanis sooreyyii fi jajjaboo taʼanii, gabbatanii bareedaniiru; hamminni isaanii dhuma hin qabu; isaan murtii qajeelaa hin barbaadan. Isaan dhimma ijoollee abbaa hin qabneetiif hin falman; mirga hiyyeeyyiitiifis hin dhaabatan. Ani waan kanaaf isaan hin adabuu?” jedha Waaqayyo. “Ani saba akkasii haaloo hin baafadhuu? (Ermiyaas 5:27-29)
Cubbuu Sodoom: hiyyeessota gargaaruu dhabuu
“ ‘Egaa cubbuun obboleettii kee Sodoom kana ture: Ishee fi intallan ishee of tuultotaa fi quufoo turan; yaada malees jiraatan; isaan hiyyeeyyii fi rakkattoota hin gargaarre. (Hisqiʼeel 16:49)
Fakkeenya bulchaa hiyyeessota hin ittisne
Bulchitoonni kee finciltoota; michuu hattuuwwanii ti; isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu; kennaas akka malee barbaadu. Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman; himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan. (Isaayyaas 1:23)
Akkaataan hiyyeessota itti qabnu Gooftaa agarsiisa
Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja. (Fakkeenya 14:31)
Namni hiyyeeyyiitti qoosu kan isaan Uume sana tuffata; kan badiisa namaatti gammadu utuu hin adabamin hin hafu. (Fakkeenya 17:5)
Gahee Waaqayyoo hiyyeessota irratti
Gooftaan hiyyeessotaafi rakkattoota ni kunuunsa/ni eega
Inni ijoollee abbootii hin qabnee fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼaniif ni falma; alagootas nyaataa fi uffata isaanii kennuudhaan jaallata. (Keessa Deebii 10:18)
Inni nama rakkataa goraadee afaan isaanii jalaa, harka nama jabaa jalaas ni baasa. (Iyyoob 5:15)
Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman; abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu. (Faarfannaa 9:18)
Yaa Waaqi, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita; harka keetiinis gatii baasifta. Deegaan dabarsee sitti of kenna; ati ijoollee abbaa hin qabneef gargaaraa dha. (Faarfannaa 10:14)
Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif, sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa. Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha. (Faarfannaa 12:5)
Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe; rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase. (Faarfannaa 34:6)
Lafeen koo hundi akkana siin jedha: “Yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu? Ati dadhabdoota warra isaan caalaa jabaatan jalaa baafta; hiyyeeyyii fi rakkattoota illee saamtota jalaa baafta.” (Faarfannaa 35:10)
Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; taʼus Gooftaan naaf yaada. Ati gargaarsa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqa ko, hin turin. (Faarfannaa 40:17)
Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa; warra hidhamanis mana hidhaatii baasa; finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu. (Faarfannaa 68:6)
Sabni kee achi qubate; yaa Waaqayyo, ati badhaadhummaa kee keessaa hiyyeeyyii soorte. (Faarfannaa 68:10)
Waaqayyo rakkattoota ni dhagaʼa; namoota isaa warra hidhamanis hin tuffatu. (Faarfannaa 69:33)
Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa; waammata isaaniis hin tuffatu. (Faarfannaa 102:17)
Isaan keessaa tokko tokko gammoojjii goggogaa keessa jooran; magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanis hin arganne. (Faarfannaa 107:4)
Innis warra lubbuu isaatti muran jalaa isa baasuuf jedhee, karaa harka mirga rakkataatiin dhaabataatii. (Faarfannaa 109:31)
Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; (Faarfannaa 113:7)
Ani waan hundaan ishee nan eebbisa; hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa. (Faarfannaa 132:15)
Waaqayyo rakkattootaaf falmee hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka. (Faarfannaa 140:12)
Inni warra cunqurfamaniif ni mura; warra beelaʼaniif nyaata kenna. Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika; (Faarfannaa 146:7)
Waaqayyo alagaadhaaf eegumsa ni godha; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa; karaa jalʼootaa garuu ni balleessa. (Faarfannaa 146:9)
Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata. (Faarfannaa 147:6)
Waaqayyo mana nama of tuuluu ni diiga; daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba. (Fakkeenya 15:25)
...garuu nama rakkataaf qajeelummaadhaan murteessa; hiyyeeyyii lafa irraatiifis murtii qajeelaadhaan murtii kenna. Inni ulee afaan isaatiin lafa rukuta; hafuura afaan isaatii baʼuun hamoota ni fixa. (Isaayyaas 11:4)
Hiyyeessi gadadamaan iddoo itti bobbaʼu argata; rakkataanis nagaadhaan ciisa. Hidda kee garuu ani beelaan nan barbadeessa; beellis hambaa kee ni fixa. (Isaayyaas 14:30)
Ati hiyyeeyyiif lafa itti baqatan, rakkataaf immoo dhiphina isaa keessatti daʼoo, bubbee hamaa jalaa iddoo itti baqatu, hoʼa jalaa immoo iddoo itti qabbaneeffatu turte. Hafuurri gara jabeeyyiin baafatan, akkuma bubbee hamaa dallaa dhagaa dhaʼuutii fi (Isaayyaas 25:4)
“Hiyyeeyyii fi rakkattoonni bishaan barbaadu; garuu homaa hin argatan; arrabni isaanii dheebuudhaan goggogeera. Ani Waaqayyo garuu deebii nan kennaaf; ani Waaqni Israaʼel jara hin gatu. (Isaayyaas 41:17)
Waaqayyoof faarfadhaa! Waaqayyoon galateeffadhaa! Inni lubbuu namoota hiyyeeyyii harka hamootaatii ni baasa. (Ermiyaas 20:13)
Kadhannaa Gooftaan hiyyeessota akka gargaaruuf
Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma; ijoollee rakkattootaa ni oolcha; cunqursituu immoo ni barbadeessa. Mootonni Tarshiishii fi mootonni biyyoota qarqarawwan galaana fagoo gibira isaaf ni fidu; mootonni Shebaatii fi mootonni Saabaa kennaa ni fiduuf. Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu, hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii. Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa; nama rakkataas duʼa jalaa baasa. Lubbuu isaaniis hacuuccaa fi cunqursaa jalaa ni fura; dhiigni isaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qabaatii. Umuriin isaa haa dheeratu; warqeen Shebaa isaaf haa kennamu. Yeroo hunda Waaqa isaaf haa kadhatan; guyyaa guutuus isa haa eebbisan. (Faarfannaa 72:4, 10, 12-15)
Warri cunqurfaman qaanaʼanii duubatti hin deebiʼin; hiyyeeyyii fi rakkattoonni maqaa kee haa galateeffatan. (Faarfannaa 74:21)
Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa. Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa; harka jalʼootaatiis isaan baasaa. (Faarfannaa 82:3-4)
Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati garuu maqaa keetiif jedhii na gargaar; gaarummaa jaalala keetiitiif jedhiitii na oolchi. Ani hiyyeessaa fi rakkataadhaatii; garaan koos na keessatti madaaʼeera. (Faarfannaa 109:21-22)
Ilaalcha namootaa gahee Waaqayyoofi hiyyeessota irratti
Namoonni dhagaa daarii ni dhiibu; bushaayee hataniis ni bobbaasu. Isaan harree ijoollee abbaa hin qabnee ooffatanii deemu; sangaa haadha hiyyeessaa qabdii fudhatu. Rakkataa karaa irraa balleessu; hiyyeeyyiin biyyaa hundis isaan jalaa dhokatu. Hiyyeeyyiin akkuma harree diidaa kan gammoojjii keessaa nyaata barbaacha asii fi achi jooru; gammoojjii sana keessaas ijoollee isaaniitiif nyaata kenna. Isaan dirree irratti okaa walitti qabatu; iddoo dhaabaa wayinii nama hamaa irraas qarmii funaannatu. Uffata dhabanii halkan qullaa bulu; waan dhaamocha keessatti uffatan tokko illee hin qaban. Isaan bokkaa tulluutiin tortoraniiru; waan itti daʼatan illee dhabanii kattaa hammatu. Mucaan abbaa hin qabne harma irraa butameera; daaʼimni hiyyeessaa qabdii kennameera. Isaan uffata dhabanii qullaa deemu; bissii baatu; garuu ni beelaʼu. Isaan dhagaa gidduutti zayitii ejersaa baasu; wayinii cuunfu; garuu ni dheebotu. Aaduun warra duʼuutti jiranii magaalaa keessaa ni dhagaʼama; lubbuun warra madaaʼaniis gargaarsa barbaacha iyyiti. Waaqni garuu balleessaa tokko iyyuu isaanitti hin lakkaaʼu. Yommuu aduun dhiitu, namni nama ajjeesu ni kaʼa; innis hiyyeeyyii fi rakkattoota ni ajjeesa; halkan immoo akkuma hattuu taʼa. (Iyyoob 24:2-12, 14)
Ilaalcha Waaqayyoo hiyyeessota irratti
Ani rakkinaa fi hiyyummaa kee beeka; taʼus ati sooressa! Arrabsoo warra utuu Yihuudoota hin taʼin Yihuudoota ofiin jedhan sanaas nan beeka; isaan garuu waldaa Seexanaa ti. (Mulʼata 2:9)
Ati, ‘Ani sooressa; qabeenya argadheera; wanni na barbaachisu tokko iyyuu hin jiru’ jetta. Garuu ati deegaa, rakkataa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa taʼuu kee hin beektu. Kanaafuu ati akka sooromtuuf, warqee ibiddaan qulqulleeffame akka narraa bitattu, akka qullaa kee qaanessaa sana haguuggattuufis uffata adii uffattu akka narraa bitattu, akka arguu dandeessuuf immoo kuulii ijatti naqattu akka narraa bitattu sin gorsa. (Mulʼata 3:17-18)
Gooftaan warra jajjaboo qaanessuuf warra dadhaboo filate
Yaa obboloota, isin yeroo waamamtanitti maal akka turtan yaadadhaa. Akka ilaalcha namaatti baayʼeen keessan ogeeyyii hin turre; baayʼeen keessanis beekamoo hin turre; baayʼeen keessan immoo sanyii warra gurguddaa irraa hin dhalanne. Waaqni garuu ogeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti gowwaa taʼe filate; Waaqni warra jajjabeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti dadhabaa taʼe filate. (1 Qorontos 1:26-27)
Gooftaan namoota hunda uume
Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha: Uumaan hunda isaanii Waaqayyoo dha. (Fakkeenya 22:2)
Hiyyeessaa fi namni nama cunqursu waan kanaan wal fakkaatu: Waaqayyo ija lachan isaaniitiifuu agartuu kenna. (Fakkeenya 29:13)
Ilaalcha namootaa hiyyeessota irratti
Ogeessi maaliin gowwaa caala? Hiyyeessi akka itti fuula namootaa dura jiraatu beekuudhaan faayidaa maalii argata? (Lallaba 6:8)
Rakkoofi faayidaa hiyyeessotaaf
Rakkoo hiyyeessotaa
Hiyyeessonni hiriyoota muraasa qabu
Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu; sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu. (Fakkeenya 14:20)
Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa; hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa. (Fakkeenya 19:4)
Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu; yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree! Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu isaan eessattuu hin argaman. (Fakkeenya 19:7)
Hiyyeessonni sababa haqa dhabuutiin rakkatu
Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa; murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa. (Fakkeenya 13:23)
Hiyyeessonni sooressota gad of qabanii dubbisu
Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna. (Fakkeenya 18:23)
Hiyyeessonni sooressota tajaajilu
Sooressi hiyyeessa bulcha; liqeeffataan garbicha liqeessituu ti. (Fakkeenya 22:7)
Hiyyeessonni hin ilaalaman
Magaalaa xinnoo namoonni muraasni keessa jiraatan tokkotu ture. Mootiin jabaan tokkos isheetti baʼee marse; koobii biyyoo guddaa naannessee itti ijaare. Yeroo sanatti hiyyeessa ogeessa tokkotu magaalaa sana keessa jiraachaa ture; innis ogummaa isaatiin magaalattii baraare. Namni tokko iyyuu garuu hiyyeessa sana hin yaadanne. Kanaafuu ani, “Jabina irra ogummaa wayya” nan jedhe. Ogummaan hiyyeessa sanaa garuu ni tuffatame; dubbiin isaas fudhatama hin arganne. (Lallaba 9:14-16)
Hiyyummaa
Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti. (Fakkeenya 10:15)
Kadhannaa hiyyeessa akka hin taaneef
“Yaa Waaqayyo ani wantoota lama sin kadhadha; isaanis utuu hamman jirutti ana hin dhowwatin. Gowwoomsaa fi soba narraa fageessi; hiyyummaa yookaan sooruma naaf hin kennin; garuu buddeena koo guyyaa guyyaan naaf kenni. Yoo kanaa achii ani akka malee quufee si ganee ‘Waaqayyo eenyuu dha?’ nan jedha; yookaan hiyyoomee hatee, akkasiin maqaa Waaqa koo nan salphisa. (Fakkeenya 30:7-9)
Faayidaa hiyyeessotaaf
Hiyyeessonni eebbifamoo jedhamu
Innis barattoota isaa ilaalee akkana jedhe: “Isin warri hiyyeeyyiin eebbifamoo dha; mootummaan Waaqaa kan keessaniitii. (Luqaas 6:20)
“Garuu warri sooreyyiin isiniif wayyoo; isin jajjabina keessan argattaniirtuutii. (Luqaas 6:24)
Hiyyeessonni amantiidhaan sooressota
Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Waaqni akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii? (Yaaqoob 2:5)
Hiyyeessotaaf wangeelli ni lallabama
Sababii Waaqayyo akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera; (Isaayyaas 61:1)
Yohannis mana hidhaa taaʼee yommuu waan Kiristoos hojjechaa ture dhagaʼetti barattoota isaa ergee, “Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee isa gaafate. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Deebiʼaatii waan dhageessanii fi waan argitan Yohannisitti himaa; jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama. (Maatewos 11:2-5)
“Hafuurri Gooftaa narra jira; akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii. Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman, akka warri jaaman argan, akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera; (Luqaas 4:18)
Innis akkana jedhee ergamoota sanaaf deebii kenne; “Deebiʼaatii waan argitanii fi waan dhageessan Yohannisitti himaa; jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama. (Luqaas 7:22)
Hiyyeessonni qabeenyaaf jedhamanii hin butaman
Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa; hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu. (Fakkeenya 13:8)
Hiyyeessonni Gooftaa beekan samii keessatti ni jajjabeeffamu
“Namicha sooressa uffata dhiilgee haphii kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, guyyuma guyyaan qananiidhaan jiraatu tokkotu ture. Karra isaa dura immoo namichi hiyyeessi Alʼaazaar jedhamu kan dhagni isaa hundi mammadaaʼe tokko ciisaa ture. Innis hambaa maaddii sooressa sanaa irraa harcaʼu illee nyaachuu ni kajeela ture; saroonni iyyuu dhufanii madaa isaa arraabu turan. “Gaaf tokko namichi hiyyeessi sun duunaan ergamoonni Waaqaa isa baatanii gara bobaa Abrahaamitti isa geessan; sooressichis duʼee awwaalame. Utuu Siiʼool keessatti dhiphachaa jiruus ol milʼatee Abrahaamin fagootti, Alʼaazaarin immoo bobaa Abrahaam keessatti arge. Innis iyyee, ‘Yaa Abbaa koo Abrahaam, waan ani ibidda kana keessatti dhiphachaa jiruuf maaloo garaa naa laafiitii akka inni fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo naa qabbaneessuuf Alʼaazaarin naa ergi’ jedheen. “Abrahaam garuu akkana jedhee deebise; ‘Yaa ilma ko, ati bara jireenya keetiitti waan gaarii akka argatte, Alʼaazaar immoo waan hamaa akka argate yaadadhu; amma garuu asitti isatti toleera; ati immoo dhiphachaa jirta. (Luqaas 16:19-25)
Hiyyeessonni akka ijoollee Waaqayyootti of jajuu ni danda'u
Obboleessi gad qabame ol qabamuu isaatiin of haa jaju. Sooressi garuu gad qabamuu isaatti of haa jaju; inni akkuma daraaraa margaa ni harcaʼaatii. (Yaaqoob 1:9-10)
Yeroo Israa'el deebifamtutti hiyyeessonni ni fayyadamu
Namni gad of qabu ammas Waaqayyotti ni gammada; rakkattoonnis Qulqullicha Israaʼel sanaan ni gammadu. (Isaayyaas 29:19)
Hiyyeessi ogeessi sooressa ni hubata
Namni sooressi ogeessa of seʼa; hiyyeessi hubannaa qabu garuu isa qoree bira gaʼa. (Fakkeenya 28:11)
Wantoota hiyyummaan caalu
Gowwaa daba dubbatuu mannaa hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya. (Fakkeenya 19:1)
Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha; sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya. (Fakkeenya 19:22)
Sooressa karaan isaa jalʼaa taʼe mannaa hiyyeessa adeemsi isaa mudaa hin qabne wayya. (Fakkeenya 28:6)
Fakkeenya hiyyeessotaa
Isaanis irra deebiʼanii waan kana Daawititti himan; Daawit garuu, “Soddaa mootii taʼuun waanuma salphaa seetanii? Ani hiyyeessa; nama hamma kanatti beekamus miti” jedhe. (1 Saamuʼeel 18:23)
Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; yaa Waaqi, dafii na qaqqabi. Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqayyo hin turin. (Faarfannaa 70:5)
Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef, na dhagaʼiitii deebii naa kenni. (Faarfannaa 86:1)
Namoonni ishee hundinuu utuma aadanuu buddeena barbaaddatu; isaan lubbuu ofii isaanii turfachuuf jecha qabeenya isaanii nyaataan geeddarratu. “Yaa Waaqayyo na ilaali, na yaadadhus; ani tuffatameeraatii.” (Faaruu 1:11)
Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan. Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.” Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, “Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama” aarsaa dhiʼeessuu dhaqan. (Luqaas 2:22-24)
Hamma saʼaatii ammaatti ni beelofna; ni dheebonna; ni daarra; ni reebamna; mana jireenyaas hin qabnu. Harkuma keenyaan hojjechuudhaanis ni dadhabna. Yommuu abaaramnu ni eebbifna; yommuu ariʼatamnus ni obsina. (1 Qorontos 4:11-12)
Qooda kanaa nu karaa hundaan akka tajaajiltoota Waaqaatti of dhiʼeessina; obsa guddaadhaan, dhiphinaan, gidiraa fi yaaddoon, garafamuun, mana hidhaatti galfamuun, jeequmsaan, hojii dadhabsiisaa hojjechuun, hirriba dhabuun, beelaʼuun, ni gaddina; garuu yeroo hunda ni gammanna; hiyyeeyyii dha; garuu namoota hedduu sooromsina; homaa hin qabnu; garuu waan hunda qabna. (2 Qorontos 6:4-5, 10)
Ani baayʼee hojjedhee bututeera; halkan baayʼee hirriba dhabeera; beelaʼeera; dheebodheera; yeroo baayʼee soomeera; dhaamodheera; daareeras. (2 Qorontos 11:27)
Ani waan waa dhabeef akkana jechaa hin jiru; haala kam iyyuu keessatti na gaʼa jechuu baradheeraatii. Ani dhabuun maal akka taʼe beeka; baayʼee qabaachuunis maal akka taʼe nan beeka. Haala kam iyyuu keessatti, waan hunda keessattis icciitii quufuutii fi beelaʼuu, baayʼee qabaachuutii fi dhabuu baradheera. Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa. Haa taʼuu malee rakkina koo keessatti hirmaachuun keessan waan gaarii gochuu keessan ture. (Fiiliphisiyuus 4:11-14)
Hiyyeessota/sooressota waldaa keessa jiran
Waan hunda dura, yommuu isin akka waldaatti walitti qabamtanitti akka gargar baʼuun gidduu keessan jiru nan dhagaʼa; kanas karaa tokkoon ani nan amana. Warra isin keessaa Waaqa biratti fudhatama qaban ifatti baasuuf, garaa garummaan isin gidduu jiraachuu qaba. Yommuu walitti qabamtanitti wanti isin nyaattan Irbaata Gooftaa miti; yeroo nyaataatti namni hundinuu irbaata ofii isaa nyaata. Inni tokko ni beelaʼa; kaan immoo ni machaaʼa. Isin mana itti nyaattanii fi itti dhugdan hin qabdan moo? Yookaan waldaa Kiristaanaa Waaqaa tuffattanii warra homaa hin qabne qaanessitu? Ani maalan isiniin jedha? Isin jajuu ree? Ani kanaan isin hin jaju! (1 Qorontos 11:18-22)
Hiyyeessotaaf kennuu
Lafa deebisuu
Waggaan shantamaffaan iyyoobeeliyyuu isiniif haa taʼu; hin facaafatinaa; waan ofiin biqile hin haammatinaa; wayinii hin qoramin irraas ija isaa walitti hin qabatinaa. Kun sababii iyyoobeeliyyuu taʼeef qulqulluu isiniif haa taʼu; waan lafa qotiisaa irraa galfamu nyaadhaa. “ ‘Waggaa Iyyoobeeliyyuu kana keessa tokkoon tokkoon namaa gara qabeenya isaatti haa deebiʼu. (Lewwota 25:11-13)
Seera hiyyeessota garboota ta'an ilaalchisee
“ ‘Yoo obboleessi kee tokko hiyyoomee sitti of gurgure akka garbichaatti isa hin hojjechiifatin. Inni akka hojjetaa qaxaramaa yookaan nama yeroodhaaf isin wajjin jiraatuu haa taʼu; inni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti siif haa hojjetu. Ergasii inni ijoollee isaa wajjin gad haa lakkifamu; inni gara maatii isaatii fi qabeenya abbootii isaatti haa deebiʼu. Israaʼeloonni sababii garboota koo warra ani biyya Gibxiitii baasee fide taʼaniif akka garbootaatti hin gurguramin. Waaqa kee sodaadhu malee gara jabinaan isaan hin bulchin. “ ‘Garboonni kee dhiironnii fi dubartoonni saboota naannoo kee jiraatan gidduudhaa haa dhufan; isin isaan keessaa garboota bitachuu dandeessu. Akkasumas keessummoota isin gidduu jiraatanii fi maatii isaanii warra biyya keessanitti dhalatan keessaa garboota bitachuu dandeessu; isaanis qabeenya keessan haa taʼan. Akka qabeenya dhaalamuutti ijoollee keessanitti dabarsuu dandeessu; bara jireenya isaanii guutuus isaan garboomfachuu dandeessu; Israaʼeloota obboloota keessan taʼan garuu gara jabinaan hin bulchinaa. “ ‘Yoo alagaan yookaan keessummaan si wajjin jiraatu tokko sooromee obboleessi kee immoo hiyyoomee alagaa si wajjin jiraatutti yookaan maatii alagaa sanaatti of gurgure, inni erga of gurguree booddee furamuuf mirga qaba. Firoota isaa keessaas namni tokko isa furuu dandaʼa. Obboleessi abbaa isaa yookaan ilmi obboleessa abbaa isaa yookaan aantee isaa keessaa firri dhiigaa isa furuu dandaʼa. Yookaan inni iyyuu yoo soorome of furuu dandaʼa. Innii fi namichi isa bite sun waggaa inni itti of gurguree jalqabee hamma waggaa Iyyoobeeliyyuutti haa lakkaaʼan. Gatiin furii isaas baayʼina waggoota sanaa irratti hundaaʼa; yeroon inni namicha isa bitate sana bira ture immoo akka nama qacaramee hojjete tokkootti herregama. Yoo akka herrega isaaniitti waggoonni baayʼeen hafan inni gatii ittiin bitame sana keessaa harka baayʼee namicha sanaaf deebisuu qaba. Yoo waggoonni hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti hafan muraasa taʼan inni waggoota hafan sana herregatee gatii furama isaa haa kaffalu. Inni akkuma nama waggaa waggaatti qaxaramu tokkootti isa wajjin haa jiraatu; fuula kee durattis inni gara jabinaan isa hin bulchin. “ ‘Yoo inni karaa kanneeniin furamuu baates innii fi ijoolleen isaa Waggaa Iyyoobeeliyyuutti furamuu qabu; (Lewwota 25:39-54)
Seerota ajajamuu dhabuun murtii fide
“Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani yeroon Gibxii biyya garbummaatii isaan baasetti abbootii keessan wajjin akkana jedhee kakuu gale; ‘Tokkoon tokkoon keessan waggaa torba torbatti nama sanyii Ibrootaa kan isinitti of gurgure kam iyyuu bilisa baasuu qabdu. Erga inni waggaa jaʼa isin tajaajilee booddee isin gad isa dhiisuu qabdu.’ Abbootiin keessan garuu na hin dhageenye; gurras naa hin kennine. Isin immoo dhiʼoo kana qalbii jijjiirrattanii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe gootaniirtu: Tokkoon tokkoon keessanis lammiiwwan keessaniif bilisummaa labsitaniirtu. Mana Maqaa kootiin waamamu keessatti fuula koo duratti kakuu galtaniirtu. Amma garuu garagaltanii maqaa koo xureessitan; tokkoon tokkoon keessan garboota dhiiraa dubartii isin akka isaan gara fedhan deemaniif bilisa baaftanii turtan sana deebiftanii fudhattaniirtu. Akka isaan ammas garboota keessan taʼaniif isaan dirqamsiiftaniirtu. “Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: Isin naaf hin ajajamne; lammiiwwan keessaniifis bilisummaa hin labsine. Kanaafuu ani amma, ‘Bilisummaa isinii nan labsa’ jedha Waaqayyo; ‘Bilisummaan’ kunis bilisummaa goraadeedhaan, dhaʼichaa fi beelaan dhumuu ti. Ani fuula mootummoota lafaa hundaa durattis akka isin jibbamtan nan godha. (Ermiyaas 34:13-17)
Gara garaa
Wantoota nama hiyyeessa godhan
Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas; kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata. (Fakkeenya 13:18)
Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin; midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu. (Fakkeenya 20:13)
Namni qananii jaallatu ni deega; kan daadhii wayiniitii fi zayitii jaallatu immoo hin sooromu. (Fakkeenya 21:17)
Warra daadhii wayinii baayʼee dhuganitti yookaan warra foonitti gaggabanitti hin makamin; machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu; hirriba baayʼisuunis moofaa nama uffachiisa. (Fakkeenya 23:20-21)
Utuu namoonni guutummaatti ajajamanii jiraatanii, hiyyeessi biyya keessa hin jiraatu ture
Taʼus waan Waaqayyo Waaqni kee biyya akka ati dhaaltuuf siif kennu irratti akka malee si eebbisuuf hiyyeessi gidduu keetti hin argamu; kunis yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee fi yoo ati ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen hunda eegde qofa taʼa. (Keessa Deebii 15:4-5)
Biyya mo'atame keessatti hiyyeessota qofatu hafe
Inni warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda ajajjoota waraanaatii fi loltoota hunda, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman hunda walumatti nama kuma kudhan boojiʼee ni fudhate. Namoota akka malee hiyyeeyyii qofatu biyya sanatti hafe. (2 Mootota 24:14)
Ajajaan sun garuu hiyyeeyyii biyyattii keessaa gariin akka wayinii kunuunsanii fi lafa qotaniif achitti dhiise. (2 Mootota 25:12)
Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun garuu hiyyeeyyii homaa hin qabne tokko tokko biyya Yihuudaatti hambise; innis yeroo sanatti iddoo dhaabaa wayiniitii fi lafa qotiisaa kenneef. (Ermiyaas 39:10)
Ajajjoonni loltootaa hundii fi namoonni isaanii kanneen hamma yeroo sanaatti ala turan yeroo akka mootichi Baabilon Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam sana bulchaa kutaa biyyaa godhee muudee fi akka inni dhiiraa dubartii fi ijoollee hiyyeeyyii kanneen boojiʼamanii gara Baabilonitti hin geeffamin irratti itti gaafatama kenneef dhagaʼanitti, (Ermiyaas 40:7)
Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun namoota hiyyeeyyii tokko tokkoo fi warra magaalaa keessatti hafan, warra ogummaa harkaa qabanii fi warra baqatanii mootii Baabilonitti kooluu galan boojiʼee fudhate. (Ermiyaas 52:15)