Gooftaan loogii hin qabu
Waaqayyo Waaqni keessan Waaqa waaqotaa, Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaachisaa, kan nama wal hin caalchifnee fi kan mattaʼaa hin fudhanneedhaatii. (Keessa Deebii 10:17)
Waaqayyoon sodaachuun isin keessa haa jiraatu. Sababii Waaqayyo Waaqa keenya bira dabni yookaan wal caalchisuun yookaan mattaʼaa fudhachuun hin jirreef of eeggannaadhaan murtii kennaa.” (2 Seenaa 19:7)
Inni ilmaan moototaatiif illee hin looguu; sooreyyii fi hiyyeeyyii wal hin caalchisu; hundi isaanii hojii harka isaatii. (Iyyoob 34:19)
Yaa gooftota, isinis garboota keessaniif akkasuma godhaa. Isin akka inni isaanii fi isiniif Gooftaa taʼe sun samii irra jiruu fi akka nama wal caalchisuunis isa bira hin jirre waan beektaniif isaan hin doorsisinaa. (Efesoon 6:9)
Nuti loogii qabaachuu hin qabnu
Nama wal caalchisuun gaarii miti; namni garuu muraa buddeenaa argachuuf jedhee yakka hojjeta. (Fakkeenya 28:21)
Looguun cubbuudha
Seera mootii kan Katabbii Qulqulluu keessatti, “Ollaa kee garuu akka ofii keetti jaalladhu” jedhu sana yoo dhugumaan eegdan isin waan qajeelaa gochaa jirtu. Yoo nama wal caalchiftan garuu isin cubbuu hojjettan; seera durattis akka seera cabsitootaatti isinitti murama. (Yaaqoob 2:8-9)
Sooressaaf hin looguin
Yaa obboloota ko, isin waan Gooftaa keenya kan ulfinaa Yesuus Kiristoositti amantaniif nama wal hin caalchisinaa. Namni qubeelaa warqee kaaʼatee uffata bareedaas uffatu tokko gara wal gaʼii keessanii dhufa haa jennu; akkasumas hiyyeessi darsa uffatu ni dhufa haa jennu. Isinis yoo namicha uffata bareedaa uffatu sanaaf ulfina addaa kennitanii, “Maaloo kottuu iddoo gaarii taaʼi!” jettan, yoo namicha hiyyeessa sanaan immoo, “Ati achi dhaabadhu” yookaan “Kottuutii miilla koo bira taaʼi!” jettan, isin gidduu keessanitti garaa garummaa uumtanii warra yaada hamaan murteessitan hin taanee? Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Waaqni akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii? Isin garuu hiyyeeyyii salphiftaniirtu. Warri isin qisaasuutti jiran warruma sooreyyii sana mitii? Kanneen gara mana murtiitti isin harkisaa jiranis isaanuma mitii? Maqaa kabajamaa isin ittiin waamamtan sanas kan arrabsan isaanuma mitii? Seera mootii kan Katabbii Qulqulluu keessatti, “Ollaa kee garuu akka ofii keetti jaalladhu” jedhu sana yoo dhugumaan eegdan isin waan qajeelaa gochaa jirtu. Yoo nama wal caalchiftan garuu isin cubbuu hojjettan; seera durattis akka seera cabsitootaatti isinitti murama. (Yaaqoob 2:1-9)
Hiyyeessaaf hin looguin
...murtii irratti hiyyeessaaf hin loogin. (Baʼuu 23:3)
“ ‘Murtii hin jalʼisinaa; nama wal caalchisuudhaan gara hiyyeessaa hin gorinaa; nama guddaafis hin looginaa; ollaa keetiif garuu murtii qajeelaa kenni. (Lewwota 19:15)
Hoggantoonni/abbootiin murtii looguu hin qaban
Murtii kennuu keessatti nama wal hin caalchisinaa; guddaas xinnaas wal qixxee dhagaʼaa. Sababii murtiin kan Waaqaa taʼeef eenyuun iyyuu hin sodaatinaa. Waan humna keessanii ol taʼe natti fidaa; anis nan ilaalaa.” (Keessa Deebii 1:17)
Magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu hundattuu gosoota kee hundaaf abbootii seeraatii fi qondaaltota muudi; isaanis dhugaadhaan namootaaf murtii kennu. Ati murtii hin jalʼisin yookaan nama wal hin caalchisin. Mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ija ogeeyyii jaamsee dubbii qajeeltotaas jalʼisa. (Keessa Deebii 16:18-19)
Akkanas jedheen; “Waan hojjettan qalbeeffadhaa; Waaqayyo isa yeroo isin murtii kennitanitti isin wajjin jiru sanaaf jettaniiti malee namaaf jettanii murtii hin kennitaniitii. Waaqayyoon sodaachuun isin keessa haa jiraatu. Sababii Waaqayyo Waaqa keenya bira dabni yookaan wal caalchisuun yookaan mattaʼaa fudhachuun hin jirreef of eeggannaadhaan murtii kennaa.” (2 Seenaa 19:6-7)
Yoo loogee abaarama
“Kanaafuu ani akka isin saboota hunda duratti tuffatamtanii fi salphattan nan godha; isin waaʼee seeraa keessatti loogii hojjettan malee karaa koo duukaa hin buuneetii.” (Miilkiyaas 2:9)
Ilaalcha sirrii
Walii keessan irratti yaada tokko qabaadhaa
Walii galteedhaan wajjin jiraadhaa. Warra jireenya gad aanaa jiraatan wajjin jiraadhaa malee hin koorinaa. Of hin tuulinaa. (Roomaa 12:16)
Namoota biroo isin caalaa barbaachisoo godhaa ilaalaa
Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. (Fiiliphisiyuus 2:3)