Dabarsanii kennamuu Yesus
Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa namichi Yihuudaa Keeriyotii jedhamu tokko gara luboota hangafootaa dhaqee, “Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne isin maal naaf kennitu?” jedhee gaafate. Isaanis meetii soddomaan walii galan. (Maatewos 26:14-15)
Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kenne sun yommuu akka Yesuusitti murame argetti ni gaabbe; meetii soddoma sanas luboota hangafootattii fi maanguddootatti deebise. Innis, “Ani dhiiga qulqulluu dabarsee kennuudhaan cubbuu hojjedheera” jedhe. Isaanis deebisanii, “Maaltu nu dhibe ree? Situ itti gaafatama!” jedhaniin. Yihuudaanis meetii sana mana qulqullummaa keessatti gatee gad baʼe; dhaqees of fannise. Luboonni hangafoonnis meetii sana fuudhanii, “Meetiin kun waan gatii dhiigaa taʼeef meetii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti” jedhan. Isaanis walii wajjin mariʼatanii akka namoota biyya ormaatiif iddoo awwaalaa taʼuuf meetii sanaan lafa namicha suphee dhaʼu tokkoo bitan. Kanaaf lafti sun hamma harʼaatti, “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamama. Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate sun ni raawwatame: Innis akkana jedha; “Isaan meetii soddomman, gatii isaa kan ijoolleen Israaʼel isatti shallagan sana fuudhanii, akkuma Gooftaan na ajajetti lafa namicha suphee dhaʼu sanaa ittiin bitan.” (Maatewos 27:3-10)
Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa tokko, Yihuudaa Keeriyotichi, Yesuusin dabarsee isaanitti kennuuf jedhee gara luboota hangafootaa dhaqe. Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii, maallaqa isaaf kennuuf waadaa galan. Kanaafuu Yihuudaan dabarsee isa kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture. (Maarqos 14:10-11)
Ergasiis seexanni namicha Yihuudaa Keeriyoticha jedhamu kan jara Kudha Lamaan keessaa tokko ture sanatti gale. Yihuudaanis gara luboota hangafootaatii fi ajajjoota waardiyyaa mana qulqullummaa dhaqee haala ittiin Yesuusin dabarsee kennu irratti isaan wajjin mariʼate. Isaanis gammadanii maallaqa isaaf kennuuf walii galan. (Luqaas 22:3-5)
Yihuudaan horii hammina hojjetee argate sanaan lafa bitate; innis mataan kufee qixxee lamaanitti tarsaʼe; marʼumaan isaa hundinuus keessaa jige. (Hojii 1:18)
Obboloota garbummaatti gurguraman
Yommuu daldaltoonni Midiyaan achiin darbuuf dhufanittis obboloonni Yoosef boolla keessaa harkisanii ol isa baasanii meetii saqilii digdamaatti Ishmaaʼeelootatti isa gurguratan; jarris Gibxitti isa geessan. (Uumama 37:28)
Maallaqa raajii sobaatiif kaffalame
Maanguddoonni Moʼaabii fi Midiyaan sun kaʼanii kaffaltii mortuu sanaa fudhatanii deeman. Isaanis yommuu Balaʼaam bira gaʼanitti waan Baalaaq jedheen sana itti himan. (Lakkoobsa 22:7)
Balaʼaam garuu akkana jedhee deebiseef; “Utuu Baalaaq masaraa isaa kan meetii fi warqeen guutame sana naaf kenne illee, ani ajaja Waaqayyo Waaqa kootiin alatti waan xinnaa yookaan guddaa tokko illee hojjechuu hin dandaʼu. (Lakkoobsa 22:18)
‘Utuu Baalaaq masaraa meetii fi warqeen guutame sana naaf kennee iyyuu, ani waanuma Waaqayyo jedhe qofan dubbadha malee ajaja Waaqayyootiin alatti waan yaada koo gaarii yookaan hamaa tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼu.’ (Lakkoobsa 24:13)
Maallaqa saba Yihuudootaa balleessuu yaaluuf kenname
Yoo wanni kun mooticha gammachiise saba kana balleessuudhaaf labsiin tokko haa baʼu; anis warra waan kana hojjetaniif meetii taalaantii kuma kudhan mankuusa qabeenya mootichaatti nan galcha.” Kanaafuu mootichi qubeelaa chaappaa isaa quba ofii irraa baasee Haamaan ilma Hamedaataa namicha biyya Agaag, diina Yihuudootaa sanatti kenne. Mootichis Haamaaniin, “Maallaqnis, sabni sunis sitti kennameeraatii akkuma feete godhi” jedhe. (Asteer 3:9-11)
Mordekaayi waan isa irra gaʼe hunda, maallaqa Haamaan Yihuudoota balleessuudhaaf mankuusa qabeenya mootichaatti galchuuf waadaa gale isatti hima. (Asteer 4:7)
Maallaqa Samsoonin miidhuuf kaffalame
Yeroo muraasa booddee Saamsoon jaalala dubartii sulula Sooreeq keessa jiraattu tokkootiin qabame; maqaan ishees Daliilaa jedhama ture. Bulchitoonni Filisxeemotaas gara ishee dhaqanii, “Akka nu hiinee isa miidhuu dandeenyuuf, akka inni icciitii jabina isaa guddaa kanaatii fi akka nu itti isa moʼachuu dandeenyu sitti himuuf isa sossobi. Tokkoon tokkoon keenyas meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko siif kenninaa” jedhaniin. (Abbootii Murtii 16:4-5)
Daliilaanis yommuu akka inni waan hunda isheetti hime hubattetti, “Inni waan hunda natti himeeraatii mee deebiʼaa kottaa” jettee bulchitoota Filisxeemotaatti ergaa ergite. Kanaafuu bulchitoonni Filisxeemotaa harka isaaniitti meetii qabatanii gara ishee dhufan. (Abbootii Murtii 16:18)
Maallaqa nama ajjeesuuf kaffalame
Isaanis mana sagadaa Baʼaal Beriit keessaa meetii gara giraamii dhibba saddeet ulfaatu kennaniif; Abiimelekis meetii sanaan kashlabboota isa faana buʼan qaxarate. (Abbootii Murtii 9:4)