Sassata

Sassatni akka waaqa tolfamaa waaqeffachuu kan dhaala mootummaa Waaqayyoo dhorkutti balaaleffatama. Katabbiiwwan Qulqulluun amala isaa balleessaa irraa akeekkachiisu, akkamitti hammeenyaafi saamichatti, dhuma irrattis murtii Waaqayyootti akka geessu agarsiisu.

Ajaja sassataa hin ta'in

Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii. (Efesoon 5:3)
Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan Waaqa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Kiristoosii fi kan Waaqaa keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa. (Efesoon 5:5)

Sassatni waaqa tolfamaa waaqeffachuudha

Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha. (Qolosaayis 3:5)

Sassata gosa hundumaa irraa of eeggadhaa

Innis, “Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii” jedheen. (Luqaas 12:15)

Sassatatti yoo jallatte of to'adhu

Ati yeroo waa nyaachuuf bulchaa tokko wajjin teessutti, waan fuula kee dura jiru hubadhuu ilaali; ati yoo nyaataaf fedhii guddaa qabaatte, qoonqoo kee irra billaa kaaʼi. Waan nyaanni sun nama gowwoomsuuf, miʼaa isaatti hin gaggabin. (Fakkeenya 23:1-3)

Yeroo Kiristoos fedhii keenya ta'u, sassatni rakkoo hin ta'u

Ani samii keessaa eenyunan qaba? Lafa irraas si malee homaa hin fedhu. (Faarfannaa 73:25)

Fakkeenya nama Waaqa sodaatu kan sassataa hin taane

Akkuma isin beektanii fi akkuma Waaqnis dhugaa baʼu sana nu dubbii sossobbiitti hin fayyadamne; doqnummaa dhokfachuufis haguuggannee gara keessan hin dhufne. (1 Tasaloniiqee 2:5)

Gooftaan sassata ni adaba

Akka fakkeenya ijoollee isaatiif

Wantoonni kunneen akka nu akkuma isaanii waan hamaa hin hawwineef fakkeenya nuu taʼan. (1 Qorontos 10:6)

Wanta sassattoonni hawwan

Sabni wal makaan isaan wajjin tures nyaata biraa dharraʼe; Israaʼeloonni ammas akkana jedhanii booʼuu jalqaban; “Nu utuu foon nyaannu argannee! Nu biyya Gibxi keessatti qurxummii toluma nyaanne; akkasumas dabaaqula, habaabii, goodarree, qullubbii diimaa fi qullubbii adii nyaanne sana ni yaadanna. (Lakkoobsa 11:4-5)

Fakkeenya namoota sassattootaa

Isaanis itti gaggabanii waan boojiʼan irratti lafa dhaʼanii hoolota, sangootaa fi jabboota lafatti qalatan; dhiiguma wajjinis nyaatan. (1 Saamuʼeel 14:32)

Hoggantoota sassattoota

Isaan saroota albaadheyyii dha; nyaataniis hin quufan. Isaan tiksoota hubannaa hin qabnee dha; hundi isaanii daandii ofii isaanii irra deemu; tokkoon tokkoon isaanii faayidaa ofii isaanii barbaadu. (Isaayyaas 56:11)

Namoonni sassattoonni hamoota

Sababii isaan Waaqa beekuu akka waan faayidaa hin qabneetti fudhataniif, Waaqni immoo akka isaan waan hojjetamuu hin malle hojjetaniif qalbii faayidaa hin qabnetti dabarsee isaan kenne. Isaanis hammina gosa hundaatiin, jalʼinaan, sassattummaan, amala baduun, hinaaffaan, nama ajjeesuun, wal loluun, gowwoomsuu fi dabaan guutaman. Isaan hamattoota, (Roomaa 1:28-29)
Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa; Waaqayyoon immoo ni arrabsa. Namni hamaan sababii of tuuluuf Waaqa hin barbaadu; yaada isaa hundumaa keessas Waaqni hin jiru. (Faarfannaa 10:3-4)

Sassatni sassattoota ni qaba

Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha; warri hin amanamne garuu hawwii hamaadhaan qabamu. (Fakkeenya 11:6)

Raajonni sobaa sassataan qaama Kiristoos ni saamu

Akkuma raajonni sobduun saba gidduu turan sana, barsiistonni sobduun isin gidduu ni jiraatu. Isaan Goofticha isaan fure sana gananii, barsiisa sobaa kan nama balleessu dhoksanii galchu; kanaanis badiisa ariifatu ofitti fidu. Namoonni baayʼeenis amala isaanii isa qaanessaa sana duukaa buʼu; sababii isaaniitiinis karaan dhugaa ni arrabsama. Barsiistonni kunneen doqnummaa isaaniitiin oduu ofumaan uumanii odeessaniin isin qisaasu. Murtiin bara dheeraan dura isaanitti murame sun amma illee hojjechaa jira; badiisni isaaniis hin mugu. (2 Phexros 2:1-3)
Waan iji isaanii ejjaan guutameef isaan cubbuu hojjechuu hin dhiisan; warra hin jabaatin gowwoomsu; garaan isaanii doqnummaa barateera; isaan ijoollee abaaramanii dha! Karaa qajeelaa dhiisanii karaa Balaʼaam ilma Bosoor isa gatii jalʼinaa jaallate sanaa duukaa buʼuuf karaa irraa badan. (2 Phexros 2:14-15)

Kan gonkumaa hin quufne ni jiru

“Dhulaandhulli intallan, ‘Kenni! Kenni!’ jedhanii iyyan lama qabdi. “Wantoota gonkumaa hin quufne sadiitu jira; kanneen gonkumaa, ‘Nu gaʼe!’ hin jenne immoo afurtu jira: (Fakkeenya 30:15)

Namoonni amantaa sassattoota ta'uu danda'u

Sabni koo akkuma yeroo kaaniitti gara kee dhufanii dubbii kee dhagaʼuudhaaf fuula kee dura tataaʼu; isaan garuu waan sana hojiidhaan hin argisiisan. Isaan afaan isaaniitiin jaalala guddaa dubbatu; garaan isaanii garuu buʼaa hin malle argachuuf gaggaba. (Hisqiʼeel 33:31)

Fakkeenya Gooftaan namoota sassattoota adabe

Sababii isaan namoota nyaata biraa dharraʼan achitti awwaalaniif maqaan iddoo sanaa, “Qiibrooti Haataaʼabaa” jedhame. (Lakkoobsa 11:34)
Gehaaz tajaajilaan Elsaaʼi nama Waaqaa sanaa akkana ofiin jedhe; “Gooftaan koo utuu kennaa inni fide sana irraa hin fudhatin Naʼamaan namicha warra Arraam kana akkasumatti gad lakkise. Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani isa faana fiigeen waa irraa fudhadha.” Kanaafuu Gehaaz dafee Niʼimaan duukaa buʼe. Naʼamaanis yommuu akka inni gara isaatti fiigaa jiru argetti isa simachuudhaaf gaarii irraa buʼee, “Wanni hundi nagumaa?” jedhee isa gaafate. Gehaazis akkana jedhee deebiseef; “Wanni hundinuu naguma. Gooftaan koo, ‘Kunoo ammuma waldaa raajotaa keessaa dargaggoonni lama biyya gaaraa Efreem irraa natti dhufaniiru. Maaloo meetii taalaantii tokkoo fi uffata irraa jalaa lama kenniif’ akkan siin jedhuuf na erge.” Naʼamaan immoo Gehaaziin, “Akkuma fedhe illee taʼu taalaantii lama fudhadhu” jedhe. Innis akka Gehaaz waan sana fudhatuuf cimsee isa kadhate; ergasiis meetii taalaantii lama borsaa lamatti hidhee uffata irraa jalaa lama wajjin tajaajiltoota isaatti kenne. Isaanis baatanii Gehaaz dura qajeelan. Gehaazis yommuu gaara bira gaʼetti waan sana hojjettoota sana harkaa fuudhee mana keessa ol kaaʼe. Namoota sanas of irraa geggeesse; isaanis kaʼanii deeman. Innis ergasii dhaqee fuula gooftaa isaa Elsaaʼi dura dhaabate. Elsaaʼis, “Gehaaz, ati eessa turte?” jedhee gaafate. Gehaaz immoo, “Ani garbichi kee eessa iyyuu hin deemne” jedhee deebise. Elsaaʼi garuu akkana jedheen; “Yeroo namichi sun siʼi simachuuf gaarii isaa irraa buʼe sanatti hafuurri koo si wajjin hin turree? Yeroon kun yeroo itti maallaqa yookaan wayyaa, lafa qotiisaa ejersaa, iddoo dhaabaa wayinii, bushaayee, karra loonii yookaan garboota dhiiraa fi garboota nadheenii fudhataniidhaa? Lamxiin Naʼamaan sun hamma bara baraatti siʼii fi sanyii keetiitti qabatee hafa.” Innis lamxaaʼee akkuma cabbii addaatee fuula Elsaaʼi duraa baʼee deeme. (2 Mootota 5:20-27)
Yeroo ani harka koo warra biyyattii keessa jiraatanitti ol fudhadhutti manneen isaanii, lafa qotiisaa isaaniitii fi niitota isaanii wajjin namoota kaaniif kennamu” jedha Waaqayyo. “Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu. (Ermiyaas 6:12-13)
Kanaafuu ani niitota isaanii namoota biraatiif, lafa qotiisaa isaanii immoo moʼattootaaf nan kenna. Xinnaadhaa hamma guddaatti hundi isaanii iyyuu buʼaa argachuuf gaggabu; raajonnii fi luboonnis akkasuma hundi isaanii nama gowwoomsu. (Ermiyaas 8:10)