Gooftaan namootaaf aangoo lafa irratti kenne
Waaqnis isaan eebbisee, “Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa” jedheen. (Uumama 1:28)
Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote; waan hundas miilla isaa jala galchite; (Faarfannaa 8:6)
Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti; lafa garuu inni namaaf kenneera. (Faarfannaa 115:16)
Namni tokko garuu iddoo tokkotti akkana jedhee dhugaa baʼeera; “Akka ati isaaf yaadduuf namni maali? Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali? Ati xinnoo ishee ergamootaa gad isa goote; ulfinaa fi kabajaan isa gonfite; hojii harka keetii irrattis isa muudde. Waan hundas miilla isaa jala galchite.” Inni yommuu waan hunda isa jala galchetti wanni inni utuu isa jala hin galchin hambise tokko iyyuu hin jiru. Taʼus yeroo ammaa wanni hundinuu isa jala galee hin arginu. (Ibroota 2:6-8)
Fakkeenya Gooftaan namootaaf aangoo qabeenya isaa irratti kennuu agarsiisu
“Ammas mootummaan samii nama biyya fagoo dhaqu tokko fakkaata; namichis garboota isaa waamee qabeenya isaa imaanaa itti kennate. (Maatewos 25:14)
Iddoon keenya kan bulchaati
Fakkeenya bultoota
Innis tajaajilaa mana isaa hangafa kan waan inni qabu hunda irratti itti gaafatamaa taʼeen akkana jedhe; “Mee harka kee gudeeda koo jala kaaʼi. (Uumama 24:2)
Yoosefis fuula gooftaa isaa duratti fudhatama argatee hojjetaa isaa amanamaa taʼe. Phoxiifaaraanis mana isaa irratti isa muude; waan qabu hundumas akka inni eeguuf imaanaa itti kenne. Gaafa inni mana isaatii fi waan inni qabu hunda irratti isa muudee jalqabee Waaqayyo sababii Yoosefiif jedhee mana namicha Gibxi sanaa eebbise. Eebbi Waaqayyoos waan Phoxiifaaraan manaa fi alaa qabu hunda irra ture. Kanaafuu Phoxiifaaraan waan qabu hunda harka Yoosef jala galche; innis waan nyaatu qofa malee qabeenya isaa tokko illee hin beeku ture. Yoosef dhaaba toleessaa fi miidhagaa ture; (Uumama 39:4-6)
...niitiin gooftaa isaas waan kana booddee ija ishee Yoosef irra buufattee, “Kottuu na bira gaʼi!” jetteen. Inni garuu didee akkana isheen jedhe; “Kunoo, gooftaan koo waan mana keessa jiru tokko illee hin beeku; inni waan qabu hunda natti kenneera. Mana kana keessatti namni na caalu tokko iyyuu hin jiru. Sababii ati niitii isaa taateef siʼi malee wanni gooftaan koo natti hin kennin tokko iyyuu hin jiru. Yoos ani akkamittan waan hamaa akkasii raawwachuudhaan Waaqatti cubbuu hojjedha ree?” (Uumama 39:7-9)
Ani yoon fedhii kootiin lallabe badhaasa qaba; yoon fedhii kootiin hin taʼin garuu ani imaanaadhuma natti kenname sana raawwachuu koo ti. (1 Qorontos 9:17)
Bultoonni itti gaafatamummaa tokko tokko qabu
Gooftaa akka abbaa qabeenyaatti beeki, abbummaas isaaf kenni
Barataa ta'uuf abbummaa qabeenyaa Gooftaaf kennuu qabda
Akkanumas isin keessaa namni waan qabu hunda hin dhiifne kam iyyuu barataa koo taʼuu hin dandaʼu. (Luqaas 14:33)
Gooftaa hordofuuf waan hunda dhiisuun eebba fida
Kana irratti Phexros, “Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra! Egaa maal arganna ree?” jedhee deebise. Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu. Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala. (Maatewos 19:27-29)
Kana irratti Phexros, “Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra!” jedhe. Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Ani dhuguma isinitti nan hima; namni anaa fi wangeelaaf jedhee mana yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan haadha yookaan abbaa yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise kam iyyuu, kan bara ammaa kana keessa ariʼatama wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollee fi lafa qotiisaa dachaa dhibba hin arganne, kan bara dhufuttis jireenya bara baraa hin dhaalle tokko iyyuu hin jiru. (Maarqos 10:28-30)
Phexrosis, “Kunoo, nu waan qabnu hunda dhiifnee si duukaa buuneerra” jedheen. Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Waaqaatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee, bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru.” (Luqaas 18:28-30)
Fakkeenya Gooftaa hordofuuf waan hunda dhiisuu
Innis yommusuma isaan waame; isaanis abbaa isaanii Zabdewoosin hojjettoota qacaraman wajjin bidiruu sana keessatti dhiisanii isa duukaa buʼan. (Maarqos 1:20)
Isaanis bidiruuwwan isaanii gara qarqaraatti ol baasanii waan hunda dhiisanii isa duukaa buʼan. (Luqaas 5:11)
Ergasii Yesuus achii baʼee qaraxxuu Lewwii jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu arge. Yesuusis, “Na duukaa buʼi” jedheen. Lewwiinis waan hunda dhiisee kaʼee isa duukaa buʼe. (Luqaas 5:27-28)
Fakkeenya Gooftaa hordofuuf waan hunda dhiisuu agarsiisu
“Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate. “Akkasumas mootummaan samii daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata. Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate. (Maatewos 13:44-46)
Amanamaa ta'i
Warra imaanaan itti kenname sanas amanamoo taʼuutu irraa eegama. (1 Qorontos 4:2)
Eebba amanamummaa
Namni amanamaan eebba quufa; kan sooromuutti gaggabu garuu adabbii jalaa hin baʼu. (Fakkeenya 28:20)
Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii. “Egaa garbichi amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota mana isaa jiraatan irratti isa muudu eenyu? Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha. (Maatewos 24:44-46)
Hariiroo Gooftaa wajjin caalaatti dhihaatuun eebbifame
“Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen. (Maatewos 25:21)
Itti gaafatamummaa dabalataatiin eebbifame
Namichi taalaantii shan fudhatee ture sun taalaantii biraa shan fidee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii shan imaanaa natti kennitee turte. Ani immoo kunoo, taalaantii shan irraa buufadheera’ jedheen. “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen. “Namichi taalaantii lama fudhatee tures dhufee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii lama imaanaa natti kennitee turte; ani immoo kunoo, taalaantii biraa lama irraa buufadheera’ jedheen. “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen. (Maatewos 25:20-23)
Gooftaanis akkana jedhee deebise; “Egaa hojii adeemsisaan amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota isaa irratti isa muudu eenyu? Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha. Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda. (Luqaas 12:42-44)
Innis akkana jedhe; “Namichi sanyii mootii tokko muudamee mootii taʼee deebiʼuuf biyya fagoo dhaqe. Namichi sunis garboota isaa keessaa nama kudhan waamee, ‘Hamma ani deebiʼutti maallaqa kanaan daldalaa’ jedhee minnaanii kudhan isaanitti kenne. “Namoonni biyya isaa garuu isa jibbanii, ‘Akka namichi kun nurratti mootii taʼu hin feenu!’ jedhanii bakka buʼoota isaanii isa duubaan ergatan. “Innis erga muudamee mootii taʼee deebiʼee booddee garboonni inni maallaqa itti kennee ture sun ittiin daldalanii maal akka argatan beekuuf jedhee nama itti ergee isaan waamsise. “Garbichi jalqabaa dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa kudhan dhaleera’ jedheen. “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii, ati waan gaarii hojjette. Sababii ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateef, magaalaa kudhan irratti taayitaa qabaadhu’ jedheen. “Garbichi lammaffaanis dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa shan dhaleera’ jedheen. “Gooftaan isaas deebisee, ‘Atis magaalaa shan irratti moʼi’ jedheen. “Inni sadaffaan immoo dhufee akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee kunoo ti; ani huccuudhaan maree dhokseen ture. Ati gara jabeessa waan taateef ani sin sodaadhe; ati waan hin kaaʼatin fudhatta; waan hin facaasinis haammatta.’ “Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa nana; ani dubbuma afaan keetiitiin sittin mura; ati akka ani nama dabaa waan hin kaaʼatin fudhatu, waan hin facaasinis haammatu taʼe beekta mitii? Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf maaliif maallaqa koo mana baankii naa hin kaaʼin ree?’ “Gooftichis warra achi dhadhaabataniin, ‘Minnaanii sana isa harkaa fuudhaatii namicha minnaanii kudhan qabuuf kennaa’ jedhe. “Isaanis deebisanii, ‘Yaa Gooftaa, inni duraanuu minnaanii kudhan qaba’ jedhaniin. “Inni immoo deebisee akkana jedhe; ‘Ani isinittin hima; kan qabu hundaafuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama; (Luqaas 19:12-26)
Amanamummaa dhabuu isaatiin abaarame
Garbichi sun garuu yoo hamaa taʼe, ‘Gooftaan koo yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee garboota isa wajjin tajaajilan tumuu, machooftota wajjin immoo nyaachuu fi dhuguu jalqaba. Gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; fakkeessitoota keessattis isa ramada; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa. (Maatewos 24:48-51)
“Ammas mootummaan samii nama biyya fagoo dhaqu tokko fakkaata; namichis garboota isaa waamee qabeenya isaa imaanaa itti kennate. Tokkoo tokkoo isaaniittis akkuma dandeettii isaaniitti, isa tokkotti taalaantii shan, isa kaanitti taalaantii lama, isa kaanitti immoo taalaantii tokko kennee kaʼee deeme. Namichi taalaantii shan fudhate sun, yeroodhuma sana dhaqee ittiin daldalee taalaantii biraa shan irraa buufate. Inni taalaantii lama fudhates akkasuma taalaantii biraa lama irraa buufate. Namichi taalaantii tokko fudhate garuu dhaqee lafa qotee maallaqa gooftaa isaa dhokse. “Yeroo dheeraa booddee gooftaan garboota sanaa deebiʼee herrega isaan bira jiru herregate. Namichi taalaantii shan fudhatee ture sun taalaantii biraa shan fidee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii shan imaanaa natti kennitee turte. Ani immoo kunoo, taalaantii shan irraa buufadheera’ jedheen. “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen. “Namichi taalaantii lama fudhatee tures dhufee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii lama imaanaa natti kennitee turte; ani immoo kunoo, taalaantii biraa lama irraa buufadheera’ jedheen. “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen. “Namichi taalaantii tokkicha fudhatee tures dhufee akkana jedhe; ‘Yaa gooftaa, ati nama gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittinneessiniis walitti qabattu akka taate nan beeka. Kanaafuu ani sodaadhee dhaqeen taalaantii kee lafa keessa dhokse. Taalaantiin kee kunoo ti.’ “Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa dhibaaʼaa! Ati akka ani iddoon itti hin facaasinii galfadhu, iddoon itti hin bittinneessiniis walitti qabadhu beektaa? Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf silaa maallaqa koo warra baankii bira naa kaaʼuu qabda ture. “ ‘Kanaaf taalaanticha isa harkaa fuudhaatii namicha taalaantii kudhan qabuuf kennaa. Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaataatii. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama. Garbicha faayidaa hin qabne kana dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.’ (Maatewos 25:14-30)
Garbichi sun garuu yoo, ‘Gooftaan koo dhufuuf yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee, garboota dhiiraatii fi dubartootaa tumuu jalqabe, yoo nyaatee dhugee machaaʼe, gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; warra hin amanne keessattis isa ramada. “Garbichi utuu fedhii gooftaa isaa beekuu hin qophoofne yookaan waan gooftaan isaa barbaadu hin hojjenne sun akka malee tumama. (Luqaas 12:45-47)
Innis akkana jedhe; “Namichi sanyii mootii tokko muudamee mootii taʼee deebiʼuuf biyya fagoo dhaqe. Namichi sunis garboota isaa keessaa nama kudhan waamee, ‘Hamma ani deebiʼutti maallaqa kanaan daldalaa’ jedhee minnaanii kudhan isaanitti kenne. “Namoonni biyya isaa garuu isa jibbanii, ‘Akka namichi kun nurratti mootii taʼu hin feenu!’ jedhanii bakka buʼoota isaanii isa duubaan ergatan. “Innis erga muudamee mootii taʼee deebiʼee booddee garboonni inni maallaqa itti kennee ture sun ittiin daldalanii maal akka argatan beekuuf jedhee nama itti ergee isaan waamsise. “Garbichi jalqabaa dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa kudhan dhaleera’ jedheen. “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii, ati waan gaarii hojjette. Sababii ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateef, magaalaa kudhan irratti taayitaa qabaadhu’ jedheen. “Garbichi lammaffaanis dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa shan dhaleera’ jedheen. “Gooftaan isaas deebisee, ‘Atis magaalaa shan irratti moʼi’ jedheen. “Inni sadaffaan immoo dhufee akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee kunoo ti; ani huccuudhaan maree dhokseen ture. Ati gara jabeessa waan taateef ani sin sodaadhe; ati waan hin kaaʼatin fudhatta; waan hin facaasinis haammatta.’ “Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa nana; ani dubbuma afaan keetiitiin sittin mura; ati akka ani nama dabaa waan hin kaaʼatin fudhatu, waan hin facaasinis haammatu taʼe beekta mitii? Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf maaliif maallaqa koo mana baankii naa hin kaaʼin ree?’ “Gooftichis warra achi dhadhaabataniin, ‘Minnaanii sana isa harkaa fuudhaatii namicha minnaanii kudhan qabuuf kennaa’ jedhe. “Isaanis deebisanii, ‘Yaa Gooftaa, inni duraanuu minnaanii kudhan qaba’ jedhaniin. “Inni immoo deebisee akkana jedhe; ‘Ani isinittin hima; kan qabu hundaafuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama; (Luqaas 19:12-26)
Fakkeenya bulchaa amanamaa hin taane
Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namicha sooressa nama hojii isaa adeemsisuuf qabu tokkotu ture; akka hojii adeemsisaan sun qabeenya isaa jalaa balleessaa jirus sooressa sanatti himan. Sooressi sunis hojii adeemsisaa sana ofitti waamee, ‘Wanni ani waaʼee kee dhagaʼu kun maalii? Ati siʼachi waan hojii adeemsisaa taʼuu hin dandeenyeef, hojii adeemsisaa turte sana irratti gabaasa naa dhiʼeessi’ jedheen. “Hojii adeemsisaan sunis garaa isaa keessatti akkana jedhe; ‘Waan gooftaan koo hojii keessaa na baasuuf, maal naa wayya? Lafa qotuuf humna hin qabu; kadhachuu immoo nan qaanaʼa. Akka yeroo ani hojii keessaa ariʼamutti namoonni mana isaaniitti na simataniif waanan godhu anuu beeka.’ “Innis warra gatiin gooftaa isaa irra jiru tokko tokkoon waamee, isa jalqabaatiin, ‘Idaan gooftaa koo hammamitu sirra jira?’ jedhee gaafate. “Namichis, ‘Zayitii ejersaa hubboo dhibba saddeeti’ jedhee deebise. “Hojii adeemsisaan sunis, ‘Waraqaa walii galtee kee hooʼu; dafii taaʼiitii dhibba afur jedhii barreessi’ jedheen. “Isa lammaffaadhaanis, ‘Sirra immoo hammamitu jira?’ jedhee gaafate. “Innis, ‘Qamadii guuboo kuma tokkoo’ jedheen. “Hojii adeemsisaan sunis, ‘Waraqaa walii galtee kee hooʼuutii, 80 jedhii barreessi’ jedheen. “Hojii adeemsisaan hin amanamne sun waan abshaala taʼeef gooftichi isa jaje; namoonni addunyaa kanaa warra akka isaanii wajjin haajaa isaanii guutachuu irratti namoota ifaa caalaa abshaalotaatii. (Luqaas 16:1-8)
Abboomamaa ta'i/Gooftaa barbaadi
Eebba abboomamuu/Gooftaa barbaaduu
Yoo ati seerawwan kanneeniif xiyyeeffannaa kennitee of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbootii keetiif kakate sana kakuu fi araara isaa siifis ni eega. Inni si jaallata; si eebbisa; si baayʼisas. Biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakuu gale keessatti ija garaa keetii, oomisha lafa keetii jechuunis midhaan, wayinii haaraa fi zayitii, jabbiiwwan loon keetii, xobbaallaawwan bushaayee keetii siif eebbisa. (Keessa Deebii 7:12-13)
Taʼus waan Waaqayyo Waaqni kee biyya akka ati dhaaltuuf siif kennu irratti akka malee si eebbisuuf hiyyeessi gidduu keetti hin argamu; kunis yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee fi yoo ati ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen hunda eegde qofa taʼa. Waan Waaqayyo Waaqni kee akkuma si abdachiisetti si eebbisuuf ati saboota baayʼeedhaaf liqeessita malee tokko irraa iyyuu hin liqeeffattu. Ati saboota baayʼee bulchita malee isaan si hin bulchan. (Keessa Deebii 15:4-6)
Yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba. Yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamte eebbi kun hundi siif taʼa; si faana deemas: Ati magaalaatti ni eebbifamta; baadiyyaattis ni eebbifamta. Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, iji horii keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni eebbifamu. Guuboon keetii fi miʼi bukoo keetii ni eebbifamu. Ati yommuu galtu ni eebbifamta; yommuu baatus ni eebbifamta. Waaqayyo akka diinonni kee kanneen sitti kaʼan fuula kee duratti moʼataman ni godha. Isaan karaa tokkoon sitti dhufu, garuu karaa torbaan si baqatu. Waaqayyo gombisaa keetii fi waan harki kee qabate hundatti eebba isaa ni erga. Waaqayyo Waaqni kee biyya siif kennu keessatti si eebbisa. Yoo ati ajaja Waaqayyo Waaqa keetii eegdee karaa isaa irra deddeebite, Waaqayyo akkuma kakuudhaan si abdachiisetti saba isaa qulqulluu godhee si dhaaba. Ergasii saboonni lafa irra jiraatan hundi akka ati maqaa Waaqayyootiin waamamtu arganii si sodaatu. Waaqayyo biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakate keessatti ijoolleedhaan, jabbootaa fi midhaan lafaatiin sooruma irra dhangalaʼaa siif kenna. Waaqayyo yeroodhaan lafa keetti bokkaa ergee hojii harka keetii hunda eebbisuuf gombisaa badhaadhummaa isaa jechuunis samiiwwan ni bana. Ati saboota hedduudhaaf ni liqeessita malee tokkoo isaanii irraa iyyuu hin liqeeffattu. Waaqayyo mataa si godha malee eegee si hin godhu. Ati yoo ajajawwan Waaqayyo Waaqa keetii kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan eegdee duukaa buute, yeroo hunda irra aanta malee jala hin aantu. Ati waaqota biraa duukaa buʼuu fi tajaajiluudhaan ajajawwan ani harʼa siif kennu kanneen irraa mirgattis bitaattis hin gorin. (Keessa Deebii 28:1-14)
Isin akka waan hojjettan hundaan milkooftaniif dubbiiwwan kakuu kanaa of eeggannaadhaan duukaa buʼaa. (Keessa Deebii 29:9)
Ergasiis Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaa fi ijoollee gudeeda keetii baʼaniin, jabboota keetii fi midhaan lafa qotiisaa keetiitiin si sooromsa. Waaqayyo akkuma abbootii keetti gammade sana sittis gammadee si sooromsa; kunis yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwanii fi qajeelchawwan isaa kanneen Kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffaman eeguudhaan garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebite taʼa. (Keessa Deebii 30:9-10)
Kunoo ani harʼa jireenyaa fi eebba, duʼaa fi badiisa fuula kee dura kaaʼeera. Ani akka ati Waaqayyo Waaqa kee jaallattu, akka karaa isaa irras deemtuu fi akka ati ajajawwan isaa, qajeelchawwan isaatii fi seerawwan isaa eegdu si ajaja; ergasiis ati lubbuun jiraattee ni baayʼatta; Waaqayyo Waaqni kees biyya ati dhaaluuf itti galtutti si eebbisa. (Keessa Deebii 30:15-16)
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas. (Iyyaasuu 1:8)
...waan Waaqayyo Waaqni kee barbaadu eegi; akka waan hojjettu hundaa fi lafa deemtu hundatti milkooftuuf akkuma seera Musee keessatti barreeffametti karaa isaa irra deemi; sirnaa fi ajaja isaa, seeraa fi dambii isaa eegi; (1 Mootota 2:3)
Akka ati yommuu inni Israaʼel irratti aangoo siif kennutti seera Waaqayyo Waaqa keetii eegduuf Waaqayyo ogummaa fi hubannaa siif haa kennu. Akkasiin ati yoo ajajaa fi seera Waaqayyo karaa Museetiin Israaʼeliif kenne sana akka gaariitti eegde ni milkoofta. Jabaadhu; onnoomis. Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin. (1 Seenaa 22:12-13)
“Kanaafuu akka isin lafa gaarii kana dhaaltanii ilmaan keessaniif dhaala bara baraa dabarsitaniif, akka isin ajaja Waaqayyo Waaqa keessanii hunda eegdanii fi isa duukaa buutaniif ani amma fuula Israaʼeloota hundaa duratti, waldaa Waaqayyoo duratti, akkasumas utuu Waaqni keenya dhagaʼuu isinin ajaja. (1 Seenaa 28:8)
Waaqayyotti gammadi; innis hawwii garaa keetii siif guuta. (Faarfannaa 37:4)
Faarfannaa Ol Baʼuu. Warri Waaqayyoon sodaatan, kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha. Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta; ni eebbifamta; jireenyis sitti tola. (Faarfannaa 128:1-2)
Fakkeenya abboomamuufi eebbaa
Inni jabaatee Waaqayyotti hiiqe malee isa duukaa buʼuu hin dhiisne; seera Waaqayyo Museef kenne sanas ni eege. Waaqayyos isa wajjin ture; inni waan hojjete hunda keessatti ni milkaaʼe. Inni mootii Asooritti fincile malee isa hin tajaajille. (2 Mootota 18:6-7)
Innis namoota Yihuudaan akkana jedhe; “Kottaa nu magaalaawwan kanneen haa ijaarru; dallaa gamoo, cufaa fi danqaraawwan qabu itti naannessinee haa ijaarru; sababii nu Waaqayyo Waaqa keenya barbaanneef lafti kun ammas keenyuma; nu isa barbaanne; innis karaa hundaan boqonnaa nuuf kenne.” Isaan ni ijaaran; hojiin isaaniis ni milkaaʼeef. (2 Seenaa 14:7)
Inni bara Zakkaariyaas isa akka inni Waaqa sodaatu isa barsiise sanaa keessa Waaqa barbaade. Yeroo inni Waaqayyoon barbaade hundas Waaqni isa ni milkoomse. (2 Seenaa 26:5)
Hisqiyaas waan kana guutummaa Yihuudaa keessatti ni hojjete; innis waan fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti gaarii, qajeelaa fi amanamaa taʼe ni hojjete. Innis mana qulqullummaa Waaqaa keessa hojjechuunis taʼu, seeraa fi ajajawwaniif ajajamuudhaan waan hojjete hunda keessatti Waaqa isaa barbaaduudhaaf garaa isaa guutuudhaan ni hojjete; kanaafuu inni ni milkaaʼe. (2 Seenaa 31:20-21)
Ati ergasii waaqota kee tolfamoo kanneen meetiin irra dibamee fi fakkiiwwan kee kanneen warqeen itti uffifame sana ni xureessita; akkuma huccuu xuraaʼummaas of irraa isaan darbattee, “Asii badaa!” jettaan. Inni sanyii ati lafatti facaafattuuf bokkaa siif kenna; midhaan lafti baaftus kan misee fi kan akka malee baayʼate taʼa. Bara sana keessa loon kee lafa dheedaa balʼaa irratti bobbaʼu. (Isaayyaas 30:22-23)
Abaarsa abboomamuu dhabuu/Gooftaa barbaaduu dhabuu
Garuu yoo ati Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamuu baattee ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan eeguu didde, abaarsawwan kunneen hundi si qaqqabu; si liqimsus: Ati magaalaatti ni abaaramta; baadiyyaattis ni abaaramta. Guuboon kee ni abaarama; miʼi bukoo keetiis ni abaarama. Iji gadameessa keetii, iji lafa keetii, jabbiin loon keetiitii fi korbeeyyiin bushaayee keetii ni abaaramu. Oomisha lafa keetiitii fi humna keetii hunda namoonni ati hin beekne ni nyaatu; ati bara jireenya keetii guutuu cunqurfamtee jiraachuu malee homaa hin qabaattu. (Keessa Deebii 28:15-18, 33)
Abaarsi kun hundinuu si qaqqaba. Ati waan Waaqayyo Waaqa keetiif hin ajajamnee fi waan ajajawwanii fi qajeelchawwan inni siif kenne hin eeginiif hamma ati baddutti abaarsi kun si biraa hin hafu; si fudhatas. Isaan bara baraan siʼii fi sanyii keetti mallattoo fi dinqii taʼu. Ati waan yeroo sooromaatti galataa fi gammachuudhaan Waaqayyo Waaqa kee hin tajaajiliniif, beelaa fi dheebuudhaan, daaraa fi hiyyummaa hamaadhaan diinota Waaqayyo sitti kaasu ni tajaajilta. Inni hamma si balleessutti waanjoo sibiilaa morma keetti kaaʼa. Akkuma isin sooromsuu fi isin baayʼisuun Waaqayyo gammachiisu sana isin balleessuu fi isin barbadeessuunis isa gammachiisa. Isin biyya dhaaluuf itti galtan keessaa ni buqqaatu. (Keessa Deebii 28:45-48, 63)
Kunoo ani harʼa jireenyaa fi eebba, duʼaa fi badiisa fuula kee dura kaaʼeera. Ani akka ati Waaqayyo Waaqa kee jaallattu, akka karaa isaa irras deemtuu fi akka ati ajajawwan isaa, qajeelchawwan isaatii fi seerawwan isaa eegdu si ajaja; ergasiis ati lubbuun jiraattee ni baayʼatta; Waaqayyo Waaqni kees biyya ati dhaaluuf itti galtutti si eebbisa. Garuu yoo yaadni kee karaa irraa jalʼatee ati ajajamuu baatte, yoo ati waaqota kaan waaqeffachuu fi isaan tajaajiluuf jettee fudhatamte, ani akka isin dhugumaan baddan harʼa isinittin hima. Isin Yordaanosin ceetanii biyya itti galtanii dhaaltan keessas bara dheeraa hin jiraattan. (Keessa Deebii 30:15-18)
Namni seera Waaqa keetiitiif yookaan seera mootichaatiif hin ajajamne kam iyyuu dhugumaan ajjeechaadhaan, biyya keessaa ariʼamuudhaan, qabeenyi isaa irraa dhaalamuudhaan yookaan hidhaadhaan adabamuu qaba. (Izraa 7:26)
Fakkeenya abboomamuu dhabuufi abaarsaa
...isaan isa dhiisanii Baʼaalii fi Ashtooretin waaqeffataniiruutii. Waaqayyos Israaʼelootatti dheekkamee saamtota isaan saamanitti dabarsee isaan kenne. Diinota naannoo isaanii kanneen isaan of irraa ittisuu hin dandeenye hundatti isaan gurgure. (Abbootii Murtii 2:13-14)
Yehooraamis xalayaa Eeliyaas raajicha biraa ergame tokko ni argate; xalayaan sunis akkana jedha: “Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: ‘Ati karaa abbaa kee Yehooshaafaax irra yookaan karaa Aasaa mooticha Yihuudaatti hin adeemne. Ati garuu karaa mootota Israaʼel irra deemuudhaan akkuma manni Ahaab godhe sana Yihuudaa fi saba Yerusaalem sagaagalchiifte. Obboloota kee miseensota mana abbaa keetii kanneen sirra wayyan sana illee ni fixxe. Kanaafuu Waaqayyo amma saba kee, ilmaan kee, niitota kee fi waan ati qabdu hunda dhaʼicha hamaadhaan dhaʼuuf jira. Waaqayyos Filisxeemotaa fi Araboota saba Itoophiyaatti dhiʼoo jiraatan Yehooraamitti ni kaase. Isaanis Yihuudaa dhaʼanii qabatan; miʼa masaraa mootii keessatti argamu hunda, ilmaanii fi niitota isaa wajjin boojiʼanii ni fudhatan. Ilma isaa Ahaaziyaa isa quxisuu sana malee ilmi tokko iyyuu hin hafneef. (2 Seenaa 21:12-14, 16, 17)
Ergasiis Hafuurri Waaqaa Zakkaariyaas ilma Yehooyaadaa lubichaa irra ni buʼe. Innis kaʼee fuula uummataa dura dhaabatee, “Waaqni akkana jedha: ‘Isin maaliif ajaja Waaqayyoo eeguu diddani? Isin hin milkooftan. Sababii isin Waaqayyoon dhiiftaniif innis isin dhiiseera’ ” jedheen. (2 Seenaa 24:20)
Waan nurra gaʼe hunda keessatti ati qajeelaa dha; nu yoo hamaa hojjenne iyyuu ati waan qajeelaa hojjette. Mootonni keenya, hooggantoonni keenya, luboonni keenyaa fi abbootiin keenya seera kee duukaa hin buune; isaan ajaja keetiif yookaan akeekkachiisa ati isaaniif kenniteef xiyyeeffannoo hin kennine. Isaan yeroo ati biyya balʼaa fi lafa gabbataa keessatti waan gaarii isaaniif kennite sana keessatti gammadaa, mootummaa ofii isaanii keessa turanitti illee si hin tajaajille yookaan karaa isaanii hamaa sana irraa hin deebine. “Kunoo nu harʼa garboota; biyyuma ati akka isaan midhaan isheetii fi waan gaggaarii isheen baaftu nyaataniif jettee abbootii keenyaaf kennite keessatti garboomneerra. (Nahimiyaa 9:33-36)
Tiksoonni qalbii hin qaban; Waaqayyonis hin barbaaddatan; kanaafuu isaan hin milkaaʼan; bushaayeen isaanii hundinuus bittinnaaʼaniiru. (Ermiyaas 10:21)
Faayawwan miidhagoo ani siif kenne kan warqee fi meetii koo irraa hojjetaman fudhattee korommii waaqota tolfamoo ofii keetiif hojjetattee isaan wajjin sagaagalte. Uffata kee kan faayeffamee hojjetames isaanitti uffistee, zayitii fi ixaana koos fuula isaanii duratti dhiʼeessite. Nyaata ani siif kenne jechuunis daakuu bullaaʼaa, zayitii ejersaatii fi damma ani akka ati nyaattuuf siif kenne sana akka ixaana urgaa gaarii qabuutti fuula isaanii duratti dhiʼeessite. Wanni akkasii taʼeera, jedha Waaqayyo Gooftaan. Ergasii ani harka michoota keetiitti dabarsee sin kenna; isaanis waltajjii kee ni diigu; iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroos ni barbadeessu. Isaan wayyaa kee sirraa baasanii faaya kee miidhagaa sana illee sirraa fudhatu; qullaa keetii fi harka duwwaas si hambisu. (Hisqiʼeel 16:17-19, 39)
“Yeroon kun yeroo isin utuu manni kun diigamee jiruu manneen keessan kanneen miidhagfaman keessa jiraattaniidhaa?” Ammas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Yaada keessan karaa keessan irra kaaʼadhaa. Isin sanyii baayʼee facaafattanii waan xinnoo haammattaniirtu. Isin ni nyaattu; garuu hin quuftan. Ni dhugdu; garuu dheebuu hin baatan. Wayyaa ni uffattu; garuu isinitti hin hoʼu. Namni mindaa fudhatu akkuma nama mindaa isaa korojoo tarsaʼaa keessa kaaʼatuu ti.” Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Karaa keessan hubadhaa. Tulluutti ol baʼaa; muka fidaa; manicha ijaaraa; anis isatti nan gammada; nan kabajamas” jedha Waaqayyo. “Isin waan baayʼee abdattan; garuu ni xinnaate. Isin manatti galfattan ani immoo nan afuufe. Kun maaliif taʼee?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Kun sababii utuu manni koo diigamee jiruu tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti fiigdaniif. Kanaafuu sababii keessaniif samiiwwan fixeensa isaanii dhowwatan; laftis midhaan ishee dhowwatte. Anis lafa qotiisaa fi tulluuwwaniitti, midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, zayitii fi waan lafti kennitu hundatti, namaa fi loonitti, hojii dadhabbii harka keessaniittis hongee waameera.” (Haagee 1:4-11)
“ ‘Egaa guyyaa kanaa jalqabaatii of eeggannaadhaan qalbeeffadhaa; mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti haala utuu dhagaan tokko dhagaa kaan irra hin kaaʼamin dura ture hubadhaa. Namni kam iyyuu yeroo gara tuullaa safartuu digdamaa dhufetti safartuu kudhan qofa argate. Namni kam iyyuu yeroo daadhii wayinii safartuu shantama waraabbachuuf gara boolla itti wayinii cuunfanii dhaqetti safartuu digdama qofa argate. Ani hojii harka keessanii hunda waagiidhaan, awwaaroo fi cabbiidhaan nan rukute; isin garuu gara kootti hin deebine’ jedha Waaqayyo. (Haagee 2:15-17)
Gooftaa amanadhu, of ykn qabeenya miti
Eebba/badhaadhina warra Gooftaa amananiif
Haalleluuyaa. Namni Waaqayyoon sodaatu, kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha. Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata. (Faarfannaa 112:1, 3)
Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu. (Fakkeenya 22:4)
Namni wayitti gaggabu lola kakaasa; kan Waaqayyoon amanatu garuu ni badhaadha. (Fakkeenya 28:25)
Bu'aa ofiifi qabeenya keenya amanachuu
Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa; qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa. (Fakkeenya 11:28)
Waaqayyo akkana jedha: “Namni nama amanatu, kan jabina foonii irree isaa godhatu, kan garaan isaa Waaqayyo irraa garagalu abaaramaa dha. Inni akka daggala gammoojjii keessaa taʼa; yeroo wanni gaariin dhufutti hin argu. Inni gammoojjii keessaa iddoo gogaa biyya soogiddaa kan namni tokko iyyuu hin jiraanne keessa jiraata. (Ermiyaas 17:5-6)
Isin waan hojii keessanii fi qabeenya keessan amanattaniif, boojuudhaan fudhatamtanii ni deemtu; Kemooshis luboota isaatii fi qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatama. (Ermiyaas 48:7)
Ati maaliif sulula keetiin boonta? Maaliif sulula kee gabbataa sanaan boonta? Yaa intala hin amanamne ati sooruma kee abdattee, ‘Eenyutu na tuqa?’ jetta. Ani warra naannoo kee jiraatan hunda irraa sodaa sitti nan fida” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Tokkoon tokkoon keessan ni ariʼamtu; namni baqattoota walitti qabu tokko iyyuu hin jiru. (Ermiyaas 49:4-5)
Bulchiinsa keenyaaf ni gaafatamna
“Ammas mootummaan samii nama biyya fagoo dhaqu tokko fakkaata; namichis garboota isaa waamee qabeenya isaa imaanaa itti kennate. “Yeroo dheeraa booddee gooftaan garboota sanaa deebiʼee herrega isaan bira jiru herregate. (Maatewos 25:14, 19)
Sooressi sunis hojii adeemsisaa sana ofitti waamee, ‘Wanni ani waaʼee kee dhagaʼu kun maalii? Ati siʼachi waan hojii adeemsisaa taʼuu hin dandeenyeef, hojii adeemsisaa turte sana irratti gabaasa naa dhiʼeessi’ jedheen. (Luqaas 16:2)
Kanaaf nu dhagna fooniitiin jiraannus, dhagna foonii irraa fagaannus kaayyoon keenya Isa gammachiisuu dha. Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhiʼaachuu qabnaatii. (2 Qorontos 5:9-10)
Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne. Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef. (Mulʼata 20:11-12)